Akka Abbaa Alangaa Aanaa Jaarsootti
Tajaajiloota Kenninu / Services

Qorannaa yakkaa fii falmii gaggeessuun murtii haqaa kennisiisuu

Iyyannoo
Iyyannoo keessummeessuun furmaata seeraa kenuu

Ol'iyyata
Murtii Mana murtiin kennamu irratti komiin yoo jiraate ol’iyyata gaafachuu

Gorsa seraa
Gorsa seeraa qaamota/Sektaroota Bulchiinsa Aanaatif kennuu

Hubannoo seraa
Xinxala yakkaa fi dhimmoota yeroo bu'uura godhachuun hawaasaaf hubannoo seraa kennuu.

Hariiroo Hawaasaa
Hojiiwwan Hariiroo Hawaasaa Dantaa Uummataa fii mootummaa ta’an, akkasumas namoota Gochaa yakkaatiin miidhaan cimaan irra gahee himata Hariiroo Hawaasaa Dhiheeffachuuf humna hin qabne beenyaa akka argataniif himata dhiheessuun ykn gidduu galuun falmuu
Abbaan Alangaa maaliif barbaachisa
Seraa yakkaa fi imaammata sirna haqaa yakkaa kabachiisuuf, mirga namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiiwwanii kabajuu fi kabachiisuuf fi dantaa mootummaa fi uummataa eegsisuudhaan tajaajila Abbaa Alangummaa haala siyaawaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’een, akkasumas bilisummaa hojii fi al-loogummaa ofii eeggatee fi haqummaa qabuun raawwachuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagaa fi tasgabbiin hawaasaa akka fulla’u taasisuuf.
Maal argachuu dandeessu?
- Mirgaa fi dirqama keessan hubachuun hojiirra oolmaa isaatiif hojjachuu
- Ragaa seera qabeessa ta’ee galmeeffachuu
- Tajaajila si’oomina qabu fi dhaqqabamaa tahe
- Tajaajila Abbaa Alangummaa qulqullina qabu